شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

ÇáÎáá ÇáæÇÞÚ  Ýì ÇáÍÌ ãä ÃÑÈÚÉ ÃÔíÇÁ

HAJJIIN IR`ATUUN WAA AFURIN

 

1 – Waan hoggaa hajji dalagu dalagu`utti ajajame dhiisuu kan yoo dhiise shari`aan waan yakkamuun gootef .

     Fakkeesa`aaf :wanni hajjii itti ajajame waytii hajji`ii keessa hajjuma qofa hidhatee dalagee , fixee eegasii umraa godhuu haa tayuu yoo waytii hajji`ii keessa umraa hidhatee dalagee fixee eegasii hajjii makkarraa hidhate takkaa hajji`iifii umraa wajji hidhate hin dhoowwamu haa tayuu yakka baasa wanni yakkamuun re`ee sharxii udhiya`aa guuttatte , tan fafa foon isi`ii ir`isu hin qabne yoo dhabe guyyaa sadii odoo hajjii keessa jiruu soomanee guyyaa torba eega biyya isatti galee soomana guyyaa sadeen hajjii keessaa , dhaqqabatu`uuf jecha jaheessaa baatii hajji`ii dura hajji hidhata akka guyyaa jaheessa`aa , torbeysa`aa saddeeteysa`aa soomanu yoo sadeen kana hajji keessatti hin soomanin eega biyyatti galee soomana haa tayuu guyyaa sadeenifii guyyaa turban adda baasa guyyaa afuriifii yaroo hanga inni karaa deeme takkaan adda baasa yoo guyyaa sadii karaa deeme guyyaa iidatiifii guyyaa sadeen isa boodatiifii hanga karaa deemun adda baasa duuba kana dalagu`uun ir`ummaan hajjii isatti seente kabamti

2 – Waajibaata hajji`ii shanan dhiisuu sun miiqaatarraa hidhatuu dhabu`uu takkaa boolatti darbuu dhiisu`uu takkaa muzdalifa buluu dhiisuu

Takkaa  mina buluu dhiisuu takkaa xawaafa dhaammanna`aa { xawaafa wadaa`aa } dhiisuu

Nama waan san dhiise hajjiin isaa ir`attee isii kabuun isarra jira. wanni kabuun re`ee takka qaluu yoo argate yoo dhabe guyyaa kudhan soomanuun isarra jira sadii hajji keessatti Torba eega biyyatti galee akka reefu dubbannetti adda baasee

3    Arkaana hajji`irraa waa dhiisuu yoo rukniin inni dhiise arafa dhaabbatuu taate waa sadi dalagu`uutu isarra jira sadeen .

A  Waa qaluu takkaa soomanuu yoo waa qaluu dadhabe .

B – Dalagaa umra`aa dalagee hiikkatuu haa tayuu umraan inni dalagu tun waa umraa isarratti wajjabdu isarraa hin kuffiftu .

J  Hajjii tana qadaa baasuu ta dhaabbatiinsi isa duraa dabre tun hajji fardi`ii taatuu ta sunna`aa taatu daddaffi`itti qadaa baasun isa qaba amata as deemurraa booda aansuu hin qabu yoo dirqiin goote malee  .

Dhaabbatiinsi sun beekka`aa isa dabruu uzri`iin isa dabruu wanni sadeen sun isarratti wajabdi waa qaluun umraa dalaguun qadaa baasun isarratti jira .

D – Ammoo yoo wanni inni dhiise arkaana hajji`ii kan dhaabbannaa arafa`aa hin tayin taye sun akka xawaafa ifaada`aa dhiisu`uutii takkaa sa`yii takkaa mataa haaddatuu yookaa ciratuu , dhiisu`uutii, wanni inni dhiise kun ir`uun isa dhiisu`uun argamte waan biraatin hin guutamtu wanni guutamtuun waanuma dhiise san dalaguu inni hajji`irraa hin bayu yoo waan san dalage malee hajjiin isaa isatti rarraatetuma teessi odoo hangamuu zamanni dheeratelle`ee

4 – Sababaan afreessoodhaa tan ir`uu hajji`itti fiddu waan nama hajjii hidhaterratti dhoowwamu dalaguu akka mataa haaddatu`uu takkaa kottee ciratu`uu takkaa waan hodhame uffatu`uu waan kana fakkaatu dalagu`uuti duuba namni waan san dalage hajjiin isaa ir`attee ir`uu san guutun yookaa kabuun isarra jira akka as deemu kanatti .

Tokkoffaa : yoo wanni haraamii kan inni dalage rifeensa haaddatuu takkaa kottee ciratuu, takkaa waan hodhame uffatuu takkaa waan urgaayu godhatuu takkaa mataa hagooggatuu , takka dhala`aan wajji taphatuu kan itti ida`amuu hin gayin taate wanni isarratti jiru yookaa wajjabu waan asii gaditti dubbannu kanarraa tokko .

A – Re`e fafa hin qabne qaluu .

B – Takkaa miskiina jaha nyaachisuu namuufuu cinaa sugudaa

J  Takkaa guyyaa sadii soomanuu sadeen kanarraa tokko filatee dalaguu qaba sun yoo rifeensi sadii taye takkaa kotteen sadii taate yoo sadiyii gad taate rifeensa tokko takkaa kottee takka keessatti kabala lama kennu`uutu isarratti wajjaba ammoo rifeensa lama keessatti kabala afurtu wajjaba .

Lammaffaa : yoo wanni balleesse dhala`atti ida`amuu taate gaala qalu`uutu isarra jira yoo dhabe gatii isaatin midhaan bitee sadaqata yoo midhaan dhabe midhaan odoo argamee kabala meeqa taya je`anii laalanii kabala hanga inni tayerraa soomana kabala lamarraa guyyaa tokko tokko guyyaa hanga fedhe haa tayuu .

Sadaffaa : yoo wanni inni balleesse bineensa al`ooluu taye ni laalan :

1        Yoo bineensii inni al`oole sun baylada`arraa waan isa fakkaatu qabaate bakka waan ajjeessee san waan isa fakkaatu qaluun wajjabe tanaaf jecha yoo guchii ajjeese gaala qala yoo gadamsaafii harre diiduu ajjeese horii qala gugguuftuu ajjeesu re`ee qala

2 – Yoo bineensi sun kan heerri isaa asaabaa nibarraa nun gayin kan wanni inni fakkaatu wallaalame taye nama lama kan beekkomsa qabu beylada`arraa maal fakkaata je`aniin duuba waan isaan kana fakkaata je`an beylada`arraa qala .

3 – Yoo bineensi sun waan beylada`arraa isa fakkaatu hin qabaatin gatii isaati baasee sadaqata  akka warri waan bineensaa beeku amanamaan lama je`utti baasa .

4       – Waan dubbanne sanirraa adari`iifii wanni akka isi`ii ni fooyamti isiin heera kopha`aati qabdi tanaaf jecha yoo adarii takka ajjeesse re`ee yookaa hoolaa qala sun waan asaabota nabirraa nu gaye akka nabirraa isaan gayetti .

Bineensi yoo kan waan isa fakkaatu qabaatu taye namichi isa balleesse waa sadi keessaa waa takka maraxatee dalaguun isarra jira

Takkaa waan bineensa inni ajjeesse fakkaatu beylada`arraa qaluu hiyyeeyyii haramarratti sadaqatuu nama biraatii mitii .

Takkaa waan bineensa san fakkaatu dhaahessanii gatee isaatin midhaan bitee hiyyeeyyii haramarraa qooduu takkaa sadaqatuu .

*    Takkaa waan nyaataa kan silaa sadaqatu san kabalaan laalanii hoggaa hanga inni tayee beekkan kabala lama lamaan guyyaa tokko tokko soomana guyyaa hanga gaye haa gayuu 

Ammoo bineensi yoo kan waan isa fakkaatu hin qabne taye wanni isarratti jiru gatii isaa kan warri waa beeku mure sadaqatuu takkaa maalaqa saniin odoo midhaan bitanii kabala hangam takka bitaa laalanii kabala lama lamarraa guyyaa tokko tokko soomanuu .

Waan dabarsinerraa wanni nuu beekkame wanni namni waajiba hajji`ii dhiise yakkamuun tarreeffamtuu dura waa qaluu dadhabu gatii isi`ii sadaqatuu dhabu soomanuu ammoo namni waan sababaa hajji`iitin haraamaye dalage wanni yakkamuun filatamaa yoo fedhe ni qala yoo fedhe ni soomana yoo fedhe ni nyaachisa akka adda babbaafne dubbannetti rabbiittu beekhaa .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com